Lakkoobsii lammiwwan Itiyoophiyaa Gara Sudaanti Dheessanii Dabalaa Jira: UN

  • VOA

Baatilee dhufan 6 ykn 12 keessatti lakkoofsii lammiwwan Itiyoophiyaa walitti bu'iinsaTigraay keessa dheessuun Sudaan seenan 200.000 akka ga'u maluu Tokkummaan Mootummotaa beeksisee jira.

Torban lama dura walitti bu'iinsii eega jalqabame as kanneen dheessuun daangaa Sudaan seenan 33,000 ga'u ibsamee jira.

Tokkummaan Mootummotaa akka jedhutti Dargageessii hedduun dheessanii kan ba'an yoo ta'u kunis duula waraanaa dhaqaa jechuun nu dirqisiisuu malu sodaa jedhuun ta'u ibsee jira.

Dhaabnii Da'immanii kan Tokkummaa Mootummotaa (UNICEF) gama isaan baqattoota kana keessaa harka 45 kan ta'an umriin isaanii waggaa 18 gadii ta'u dubbata.

Tigraay keessatti hojjachuuf carraan jiru ugguramee meeshaaleen qunnamtii martii addaan citanii waan jiraniif ijoolleen silaa gargaarsa dhala namaa argachuu qaban Miliyoona 2.3gargaarsa dhala namaa barbaadaa jiru kan jedhu Yuniiseeef kana malees iddoo dhaqqabuun hin danda'amne jiru jechuun Kamiisa kaleessaa hubachisee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Lakkoobsii lammiwwan Itiyoophiyaa Gara Sudaanti Dheessanii Dabalaa Jira: UN