Hospitaalli Ispeeshaalaayizidii Naqamtee Yaalii Kaansarii Eegaluusaa Beeksise 

  • VOA

Hoji-geggeessaan Hospitaala Ispeeshaalaayizidii Naqamtee Dooktor Taarikuu Taaddasaa akka jedhanitti, yaalii kaansarii qorichaan taasifamu kun kaleessuma eegalamee, guyyaa tokko jidduutti namootni 10 tajaajila argataniiru,” jedhan.

Hospitaalota Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin gaggeessaman keessaa Hospitaalli Ispeeshaalaayizidii Naqamtee dhibamtoota Kaansarii yaaluun isa jalqabaa taha jedhan, Dooktor Taarikuun.

Namoota yaalii Kaansarii fudhataa jiran keessaa tokko yaada kennaniin, tajaajilichi Naqamteetti eegalamuun baasiifi yeroo isaanii qusachuufii akka isaan gargaaru ibsan.

Your browser doesn’t support HTML5

Hospitaalli Ispeeshaalaayizidii Naqamtee Yaalii Kaansarii Eegaluusaa Beeksise