Jaarmoliin Gargaarsaa Naannoo Tigraayiif Gargaarsa Erguuf Qophaa’uu Beeksisan 

  • VOA

Jaarmoliin gargaarsa Itiyoopiyaa keessa jiran bakka waraansi ji’a tokkoof geggeessame uummata kumaan laka’amu galaafatuu mala jedhameef rakkoon namoomaa amma jiru hammaate naannoo biyyattii falmisiistuu taate gara Tigraayitti gargaarsa erguuf qophee irra jiran.

Tokkummaan mootummootaa roobii kaleessaa naannoo kanaaf gargaarsa namoomaa ittiin ga’uuf Itiyoopiyaa waliin walii galtee irra kan ga’e yoo ta’u hojjettoonni garaarsaa loltoonni federaalaa naannolee isaan mootummaa Tigraay waliin itti wal waraanaa turan jala kanneen jiran naannolee Tigraay kan dhaqqaban ta’uun beekameera. Akka walii galtee kanaatti erga waraansi sun jalqabe Sadaasa 4 qabee yeroo jalqabaaf midhaan, dawaa fi meeshaaleen gargaarsaa ka biroon uummata miliyoona 6 kanneen naannoo sanaaf akka dhaqu eegama.

Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Abiy Ahimed erga loltoonni federaalaa xumura torban darbee Maqalee qabatan jedhanii booda injifannoon argamuu isaa beeksisanii jiru.

Hoogganoonni IWEHAT garuu gaarreen naannoo sanaa keessa lola ripxe loltummaa itti fufuu isaanii dubbatu. Hojjetaan gargaarsaa maddeen Tigraay keessaa maqaa dha’uun Rooyitersiif akka himetti naannoo sana gama kaabaa, kibbaa fi dhiya Maqalee keessatti lolli itti fufee jira.

Uummati kumaan laka’amu waraansa sanaan dhumuu isaa fi kanneen miliyoona tokkoo il ta’an qe’ee irraa baqachuutu amanama. Kanneen 45,000 ta’an biyya hollaa Sudaanitti baqataniiru.

Kan torban kana baqattoota mooraa Um Raaqubaa ka Sudaan keessaa daawwatan muummichi barreessaan gumii baqattoota Noorweey Jaan Eeglaand har’a ibsa kennaniin konkolaattonni gargaarsaa maatiiwwan gargaarsa fedhaniif deggersa barbaachisu fe’atanii naannoo Tigraayitti sosso’uuf qophaa’aniiru jedhan.

Hanqinni nyaataa waan jiruuf jecha meeshaaleen gargaarsaa, dawaa fi gargaarsi kanneen biroon battala barbaachisa jedhan.

Tokkummaan mootummootaa hojjettoonni lammiiwwan alaa naannoo sana gad dhiisanii akka ba’an erga dirqisiisamanii booda rakkoo namoomaa naannoo sana keessatti hammaataa adeemeef gargaarsi naannoo sana akka dhaqqabu daandiin akka saaqamu jaarmolii gaafataa turan keessaa ti.

Muummichi ministeeraa Abiy muddamni jiru akka qabbanaa’u waamicha sadarkaa addunyaa dura dhaabataa turan. Mootummaan isaanii paartii badhaadhinaa hundaa’e cimsuuf utuu yaalaa jiru baatiee muddama baatileef hammaatee booda mootummaa naannoo Tigraayiin akka seeraan alaatti fudhatee jira.

Mootummaan naannoo Tigraay nuusa jaarraa tokkoo oliif paartii biyya bulchu dhuunfatee ture.