Benishaangul Gumuz Keessatti Hidhattoaonni Akka Harka Kennatan Waamicha Dhihaatee Kan Haga Ammaatti Deebii Kenne HIn JIru 

Pirezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, daangaa yeroo torban tokkoo akka hidhattootni naannicha keessa socho’an harka kennataniif laatan xumuramus, hidhataan harka kennate tokkollee akka hin jirre Waajjirri Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Benishaangul Gumuz beeksisee jira.

Itti gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Mallasa Bayyanaa, “qaamni hidhatee socho’u kamuu ammallee carraa harka kennachuu qaba” jedhu.

Osoo dhuma waamichi nagaa gama mootummaan taasifamuu, Godina Matakkal Aanaa Daangur keessatti, hidhattootni haleellaa banuuf socho’aa turan 23 ajjeefamaniiru jechuunis itti dabalanii ibsan.

Your browser doesn’t support HTML5

Benishaangul Gumuz Keessatti Hidhattoaonni Akka Harka Kennatan Waamicha Prezidaantiin Naannichaa Dhiheessaniif Kan Haga Ammaatti Deebii Kenn