Gosi Vaayiresii Koronaa Briteen Keessatti Argame Kutaa Kaalifoorniyaa Keessattis Mul’ate 

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Gosa vaayiresii koronaa yeroo jalqabaaf Biriteen keessatti argame kutaa kaalofoorniyaa kessatti nama dhukkbu tokko irratti mul’achuu angawoonni eegumsa fayyaa kan kutaa sanaa beeksisanii jiran. Vaayiresiin kun itti dablaan Yunaayitid Isteetis keessatti argmuu mala jedhan.

Kaalifoorniyaan kan jalqaba torban kanaa gosi COVID-19 haaraan keessatti mul’ate Koloraadootti aansee kutaa Ameerikaa lammataa ta’uu ishee ti.

Akkuma isa kan Koloraadoo, keessaa kutaan eegumsa fayyaa uummataa kan Kaalifoorniyaa akka jedhanitti namni vaayiresichan qabame bakka birootti hin imalle. Ministeerri tajaajila fayyummaa fi tajaajila uummataa Maark Ghaly, haalli isaa yaaddessaa ta’uu isaa ibsanii maaskii kaayyachuu, wali irraa hiiqiinsa hawaasaa, mana ofii keessa turuuf imala gochuu dhiisuun vaayiresii kana akka hin facaane gochuu akka danda’u yaaddachiisaniiru.

Hayyuun dhimma dhibee daariqaa beekamaan US Antonii Faauchii akka jedhanitti gosi vaayiresii haaraa kun isa kana duraa caalaa hamaa ta’uu isaa kan hin amanneef talaalliin oomishame vayiresii kana irrattis milkaa’inaan hojjechuu qaba jedhan.

Faauchiin akka jedhanitti sagantaan talaallii kennuu kun hanga baatii Caamsaa, waxabajjii fi Eblaatti yoo kennae hamma jalqaba baatii Fulbaanaatti gara jiruu idileetti deebi’ama jedheen abdadha jedhan.

Yunaayitid Isteetis keessaa kan roobii kaleessaa namoonni 3,700 ol du’an dabalatee, namoonni 342,000 ta’an vaayiresii koronaan qabamanii du’uu waaltaan qorannaa Yuniversitii Joons Hopkins beeksisee jira.