Hoji Dhabiinsi Ameerikaa Keessaa Dabalaa Adeeme 

  • VOA

Faayilii - Namoota iyyata qarqaarsaa galfachuuf dabaree eeggatan

Hojjettoonni Ameerikaa itti dabalaa 787,000 ta’an torban darbe iyyata hoji dhabiinsaa galfatanii jiran.

Weerarri vaayiresii koronaa biyyattiikeessatti erga mudatee baatii sagal booda gabaa Ameerikaa irraan dhiibbaa kaa’ee jira.

Torban dhiyoo as lakkoobsi jiru akka mull’isutti xumura baatii Bitootessaa namoonni hojii dhabanii iyyata gargaarsaa galfatn milioona 6.9 yoo ta’an weerara vaayiresichaa dura isa ture irra akkaan kan caale yoo ta’u isa bara 1960mootaa keessaatti deebi’e.

Hojjettoota miliyoona 22 kanneen hojii dhabanii turan keessaa miliyoonni 10 amma iyyuu hojii hin qaban.. Hoji dhabiinsi US keesaa baatii Sadaasaa keessa dhibba irraa harka 6.7 kan ture yoo ta’u hayyoonni dinagdee hedduun akka jedhanitti lakkoobsi kun baatilee hanga tokkoof akkuma ol ka’etti itti fufa.

Kampaanileen Yunaayitid Isteetes hojjettoota miliyoonaan laka’aman hojiitti akka deebi’an waamaniis daldalaawwan rakkoo hamtuun isaan mudate hojii isaanii akka duraatti itti fufuu dadhabaniiru ykn immoo cufamaniiru. Kunis ennaa vaayiresiin koronaa hammaatee jiru kanatti hojjettoonni isaanii dalagaa akka barbaadan dirqisiise.

Bulchiisaawwan magaalaa hangi tokko uggura sochii haaraa waan kaa’aniif jecha abboonni qabeenya daldalaawwanii hojjettoota isaanii deebisanii hojii akka dhaaban gochuuf dirqamaniiru.