Miseensi Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itoophiyaa, Dr. Adihaanaa Hayilee Du’aan Boqatan

  • VOA

Miseensi Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa – Dr. Adihaanaa Hayilee, umurii isaanii waggaa toorbaatamaatti du’aan boqochuu isaanii, maatiin isaanii beeksisanii jiran. Dr. Adhaanaan, Minister-Deetaa Ministara Barnootaa tahuudhaanis hojjetanii turan.

Ilmi isaanii, Biruk Adaanaa Hayilee akka jedhetti, Dr. Adhaanaan, otuu miseensonni IHADEG Mana-maree bakka-bu’ootaa keessaa hin ba’iin, dhukkubsatanii wal’aansa irra ka turan yoo tahu, achii boodas fayyaan isaanii hin wayyaa’iin hafee du’aan boqotan. Sirni awwaalcha isaanii Finfinneetti ka geggeessamu tahuunis beekamee jira.