Biriteen Marsaa Lammataaf Sochii Jiru Guutummaatti Uggurtee Jirti

  • VOA

Boriis Jaansan sagalee gaddaan guutameen akka ibsanti yeroon isinitti dubbataa jiru kana hospitaalonni biyya keenyaa akka hamaatti Koviidiin muddamanii jiru jedhan.

Kunis Kibxata har'a kaasee hojii irra akka ooluu kaleessa Televiziyoona biyyatti irratti kan labsan mummicha ministeera biyyatti tuarn.

Boriis Jaansan sagalee gaddaan guutameen akka ibsanti yeroon isinitti dubbataa jiru kana hospitaalonni biyya keenyaa akka hamaatti Koviidiin muddamanii jiru jedhan.

Kunis eega weerarrii dhukkuba Koviid jalqabee as kan argamee hin beekne jedhan.Inglaand keessa qofa kanneen Kovidiin dhukkubsatan harka sadiin dabalee kuma 27 ga'e jira.Kunis isa jalqaba baatii Eblaa bifa weeraraan ka'e ture harka 40 dabaluu isaa agarsiisa.

Guutummaa Yunaaytid Kingdam keessatti immoo baatii reefuu dhume Muddee keessa namoota kuma 80 caalaatu qabame.Kunis galmee haaraa ta'u isaa ibsan.