WAASHINGITAN, DIISII —
Haasawa Prezidaant Traamp godhan irraa kan ka’e deggertoonni prezidaantichaa kuma hedduutti lakkaawaman Robii kaleessa akka seera-tumtoonni biyyattii filannoo garagalchan dhiibbaa gochuuf jecha waajira mana-maree biyyattiitti humnaan girrisanii seenuun, jeeqama kaasan.
Manni-maree Yunaayitid Isteetis garuu kaleessa galgala wal gahuudhaan, Joo Baayiden filannoo biyyattii injifachuu isaanii sirna raggaasisu geggeesuu itti fufee jira.
Your browser doesn’t support HTML5
Halkan guutuu marii itti fufanii sagalee miseensoonni paartii kennan eega lakka'anii bood dhuma irratti Joo Baayiden filannoo biyyattii injifachuu isaanii mirkaneessanii jiru.
Gabaasa Guutuu Caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5