Taatoo fi Bulchaan Kaalifoorniyaa Duraanii Hookkara Mana-maree Yunaaytid Isteets Irratti Geggeeffame Balaaleffatan

  • VOA

Arnoold Shiwaazneeger,

Taatoo fi bulchaan Kaalifoorniyaa duraanii – Arnoold Shiwaazneeger, dhaamsa viidiyoon waraabanii dhiheenya dabarsaniin, hookkara dhiheenya Mana-maree Yunaayitid Isteetis irratti geggeessame balaaleffachuudhaan, kan “soba Prezidaant Traamp tu hookkaricha kakaase,” jedhan.

Prezidaant Traamp, filannoo haala madaalawaan geggeessame irraa ba’ii argame gargalchuu akka barbaadanitti ka dubbatan – Shiwaazzineeger, uummaa dogoggorsuudhaan fonqolcha deemsisuu barbaada, jechuun qeeqan.

Prezidaant Traamp ragaa qabatamaa tokko malee, filannoo gaafa Sadaasa 3 geggeessamee sana akka mo’anitti dubbataa turan. Eega deggertoonni isaanii Roobee dabre hookkara kaasuun, Waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetisitti humnaan seenanii booda, prezidaant Traamp dhaamsa viidiyoon dabarsaniin, gochaa sana balaaleffatanii, taayitaan prezidaantummaa isaaniis gufuu tokko malee akka gara filatamaa prezidaantummaatti dabru kan hojjetan tahuu beeksisanii turan.