Ayyaanni Cuupphaa Yaaddoo Weerarri Koroanaa Uume Keessatti Itiyoophiyaatti Ayyaaneffame 

Erga weerarri Vaayirasii Koroonaa Itoophiyaa keessatti argamee as, Ayyaanni Cuuphaa addababayii irratti barana yeroo kabajamu isa jalqabaati.Kabaja Ayyaana Cuuphaa baranaarratti hordoftootni amantichaa heddumminaan qaban hirmaataniiru.

Dureen mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas sirnicharratti argamuun uummatni HIV AIDS fi Vaayirasii Koroonaa irraa akka of eeggatu dhaamaniiru. Wal gargaaruunis duudhaa uummataa tahee akka itti fufu waamicha dhiheessan.