Ambaaasaddar Reeneer Uummata Tigiraay Keessatti Gidiramaa Jiruuf Akka Karaan Gargaarsaa Guutummaaatti Banamu Gaafatan  

  • VOA

Ka yeroo hojii isaanii Itiyoophiyaa keessaa xumuratanii deemaa jiran, Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis, Maayikil Reeneer, uummata miliyoona hedduu gidiramaa jiru gargaarsa dhaqqabsiisuuf jaarmayaaleen Itiyoophiyaas tahe ka sadarkaa addunyaa addunya akka Tigiraay seenanii guutummaatti karaan banameefii, nageenyi isaaniis eegamuu qaba, jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaatti Ambaaasaddara Amerikaa Uummata Miliyoona Hedduu Tigiraay Keessatti Gidiramaa Jiruuf Akka Karaan Gargaarsaa Guutummaaatti Ban

Yeroo hojii isaanii xumuratanii deemuuf ka’uu isaaniin wal-qabatee ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, hiraarsawwan, hookkarawwan quunnamtii saalaa fi dhiittaaleen mirga dhala-namaa ka biroon Tigiraay keessaa fi naanoolee ka biroo akka Matakkal faa keessatti geggeessaman – jedhamuun, maddeen amanamoon gabaasaman qaama walabaan akka qoratamanis waamicha dhiheessanii jiran.