Afriikaanis Talaalii Koviid-19 Argachuu Qabdi: Waldaa Fannoo Dimaa Addunyaa

  • VOA

Hawaasnii addunyaa Afrikaan talaalii dhukkuba Koviid-19 ittisuu akka argachuu qabdu hubachuu qaba jechuun koreen fannoo dimaa kan sadarkaa addunyaa beeksisee jira.

Dhukkubii kun addunyaa irra jiraachuun isaa eega baramee waggaa tokko booda Ripaablikii Afrikaa Waaltaa daawwachuuf kan karoorfata prezidaantii koree fannoo dimaa kan sadarkaa addunyaa Piitar Maaurar gama tallaaliiwwan kannee biroo Afrikaaf erguun foyya'iinsii guddaan jira jedhan.

Garu rakkowwan biraaf ilaalchii duraa kennamuu isaan duula talaalii Koviid-19 uummata Afrikaaf hojii irra olchuun dagatamee jedhu.

Vaayrasiin Koronaa bifa jijjirratee ariitiin faca'uun rakkoo biraa ta'u ibsanii jiru