Vaayiresii Koronaa Afriikaa Kibbaa Keessatti Argameef Talaalliin Faayizer Milkaa’inaan Hojjeta: Qorannaa

  • VOA

Qorannaa haaraan tokko akka mul’isetti talaalliin COVID-19 FaaYizer vaayiresii haaraa Afriikaa kibbaa keessatti argame ittisuuf milkaa’inaan kan hojjetu ta’uu isaa fi garuu dandeettii dhibee ofi irraa ittisuu hanga tokko gad xiqqeessa jedhamee jira.

Gabaasi kaleessa gaazixaa “New England Journal of Medicine” jedhamuun maxxanfame qorattoonni Faayizerii fi Yuniversitii Teeksaas damee dawaa, vaayiresii isa kan Afriikaa kibbaa of jijjiiruu danda’u uumuu dhaan namoota talaallii Faayizer fudhatan irraa dhiiga fuudhanii qorannaa geggeessanii jiran. Ba’iin isaa dandeettii dhibee of irraa ittisuu harka sadii keessaa lamaan akka gad buusu beeksisamee jira.
Faayizer dandeettii dhibee of irraa ittisuu kan ol kaasu talaallii ka biroo oomishuuf maallaqainvest kan godhu ta’uu beeksise.

Gama biraan, Hong Kong talaallii vaayiresii koronaa kan Chaayinaa Sinovak jedhu yeroo hatattamaaf akka fayyadaman sirnaan eeyamtee jirti. Dawaan kun raggaasisamuun kan daga’ame erga gurmuun gorsitoota addaa magaalattii dhimma kan talaallii COVID-19, kampanichi ba’ii yaalii talaallii isa xumuraa mul’inatti beeksisuu fi talaalliin sun milkaa’inaan hojjechuu isaa ibsuu baatus akka kennamu yaada dhiyeessee booda.

Gurmuun gorsitootaa sun akka jedhetti kampanii Sinoovaak biraa galmeen argame akka mul’isutti talaalliin sun adda addummaa guyyoota 28n ennaa kennamu dhibba irraa harka 62 milkaa’ina qaba.

Talaalliiwwan Sinovaak miliyoonaan laka’amu kan jalqabaa Jimaata gamas seena jedhamee eegama.