Paartiin Mormituu Yugaandaa Dhiittaa Mirga Namoomaa Biyyattiif Tokkummaa Mootummootaatti Iyyate  

  • VOA

Faayilii - Fakkii hogganaa paartii mormituu Baabii Waayine

“National Unity Platform Party” jechuun Paartii Waltajjii Tokkummaa biyyoolessaa ka jedhu paartiin mormituu Yugaandaa, dhiittaalee mirga namoomaa fi namoota ukkaamsanii dhabamsiisuu biyyattii keessatti mootummaan toosisame jedhu mootummaadhaan Koomishina Mirga Namoomaa, ka Tokkummaa Mootumootaatti iyyannoo galfatee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Paartiin Mormituu Yugaandaa Dhiittaa Mirga Namoomaa Biyyattiif Tokkummaa Mootummootaatti Iyyate

Filannoo biyyoolessaa wal-mormsiisee baatii Amajjii keessa Yungaansaa keessatti geggeessamee dura, namoonni isaanii dhabaman haga ammaatti achi buuteen isaanii hin beekamne, jedhu maatiileen.

Ka si’a ja’affaadhaaf deebi’anii filataman, prezidaantiin Yugaandaa Yoweerii Museviidnii, “himannaan sun soba. Kanneen qabaman shororkeessota qofa,” jedhan.