Jalqabamuu Sagantaa Qubsiisa Baqattootaa Yuunaytid Isteetis Dhaabatee turee fi Baqattoota

Faaililii - Buufata Baqataa Kaakumaa

Waggoota afran darbaniif kan adda cite ture sagantaan qubsiisa baqattootaa kan Yuunaytid Isteetis jalqabamaee jira.

Bulchiinsi Prezdent Joo Baayden sagantaa bara bulchiinsa Prezdent Tramp dhaabatee ture kana jalqaba ji’aa kanatti ka jalqabsiisanii turan yoo tahu, baqattoonni carraa kana eeggataa turan garuu, sagantaan kun dhaabbachuun jiruusaanii akka gaaga’e ammas abdii homaa waan qabatamaa akka hin dhageenye dubbatu.

Your browser doesn’t support HTML5

Jalqabamuu Sagantaa Qubsiisa Baqattootaa Yuunaytid Isteetis Dhaabatee turee fi Baqattoota

Obbo Mohaammed Abdullaahii baqataa lammiin Itiyoophiyaa ganna 30 ol buufata baqataa keeniyaa lameen keessa jiraatani. Akka mootummaan dargii kufeen biyyaa baqachuu ka himan obbo Mohaammed, buufata baqattootaa Kaaba Baha Keeniyaa jiru Dadaab keessa ganna 25, buufata Kaakumaa keessa ammoo ganna 5 ol akka jiraatan dubbatu.

Obbo Mohaammed silaa sagantaa Yuunaytid Isteetis ittiin baqattoota ofitti fudhattuun jiruu baqaa warra obbaafatan keessaa tokko. Abbaan Ijoollee shanii, keessumaa ganna afran darban bulchiinsi Prezdenti Trampi duraanii sagantaa kana waan cufee tureef abdii kutannee jedhu.

Obbo Mohammed dabalanii ijoolleen isaan buufata baqataa keessatti horatan dhimmuma kana waan isaan gaafataniif sanaafi deebii kennuun akka isaan dhiphisu dubbatan.

Baqataan dhalooteen Itiyoophiyaa buufata baqattootaa Dadaab keessa jiraatu kaanis silaa sagantaa qubsiisa baqattootaa Yuunaytid Isteetis kanaan jiruu baqaa keessaa baha ture jedha.

Amma garuu bulchiinsi Prezdent Joo Baayden murtee haarawa baaseen, qoqqobbii prezdetiin US duraanii Donaald Tirump sagantaa qubsiisa baqattootaarra kaa’an kaasanii jiru. Kanaanis Gurraandhala 4 bara 2021 ajaja immigreeshinii ilaallatuun dabarsaniin Baayden Yuunaytid Isteetis akkuma duraanii baqattoota ofitti simattii jedhan.

Antoonii Bliinken Barreessaan waajjira haajaa Alaa Ameerkaa, biyyi isaanii yuunaytid Isteetis mirga baqattootaa akka eegdu kanaanis jalqaba ji’aa kanaa kaastee koolu galtoota loogii malee akka simattu beeksisan.

Bliinken, sagantaan kun loogii malee akka raawwatamuuf teeknoloojiin akka to’atamu, darbees namootni sagantaa qubannaa kanaan gara Yuunaytid Isteetis dhufan diinagdee fi hawaasa Ameerikaaf bu’aa gaarii akka ta’an ifoomsanii, sagantaa kana waggoota dhufan kana keessatti cimsanii akka itti fufan beeksisan.

Dhaabbileen gargaarsa baqattootaa warreen akka IOM fi UNHCR’s murtee bulchiinsa Baayden kana jajanii jiru.

Misheel Solomoon Direkterri waajjira giddu galeessaa fi Kaaba Ameerikaa IOM godaansi namaa biyyaa biyyaa yoo haala qindaayaan gaggeeffame guddina naannoof bu’aa akka qabu himanii dhaabbanni isaanii IOM bulchiinsa Baayden waliin hojjechuuf qophii akka ta’e akeekan.

Jaarmayaa Mootummootaatti eejensiin dhimmi baqataa UNHCR’s, murtee mootumama Ameerikaa jajee jira. Koomishinerri eejensii UNHCR Filiippoo Graandii, murteen Bulchiinsa Baayden lubbuu baqattoota hedduu baraara erga jedhaniin booda qoqqobbii bulchiinsi Yuunaytid Isteetis duraanii sagantaa qubsiisa baqattootaa kanarra kaa’ee ture qeeqanii jiru.

UNHCR ammas baqattoota miiliyoona 20 ol akka gargaaraa jiru ka beeksise yoo tahu, isaan keessaa miiliyoona 1 ol warra rakkoo nageenyaa qabanii fi qubsiisni biyya sadaffaa isaan barbaachisuudha jedha.