Ogeessi Mirga Namoomaa UN Baqattoota Ertiraa Tigraay Keessaa Butaman Jedhamu Laalchisee Qorannaan Akka Godhamu Gaafatan

  • VOA

Faayilii - Baqattoota Ertiraa mooraa Tigraay keessa jiru Indaabagunaa keessatti, Bara 2016

Ogeessi Mirga Namoomaa, ka Tokkummaa Mootummootaa, loltoonni Ertirtaa, kanneen bulchiisa naannoo Tigiraay keessa jiran baqaattoota Ertiraa humnaan butanii gara Ertiraatti deebisan, ka jedhamu irratti akka qorannaan hatattamaa geggeessame gaafatanii jiran.

Liisaa Shilaayin Jenevaa irraa akka gabaastetti, dhimma Mirga namoomaa Ertiraa irratti qorataan addaa kan Tokkummaa Mootummootaa Abdel-salaam Baabiker, Roobii dabre kana gabaasaa Gumii Mirga namoomaa ka Tokkummaa Mootummootaa irratti dhihaassanin, kutaa Tigiraay keesssatti haala hamaa baqattoonni Ertiraa fi kanneen dahata gaafatan itti jiran maddeen qabatamoo irraa argadheen jira, jedhan.

“Baqattoota Ertiraa, Tigiraay humnaan butanii fudhachuu, fedhii isaanii malee fi dirqiin gara Ertiraatti deebisuu fi Ertiraa keessatti manneen hidhaa adda addaa keessatti hidhuu dabalee miidhaaleen dhala-namaa hahamoon akka irratti geggeessamee jira,” odeeffannoo argadheen jira, jedhan.