AMBOO —
Itoophiyaatti bara kana Hojii Misooma Jallisiin lafa Hektaara Kuma 250 irratti Qamadiin oomishamaa jiraachuu, Institiyuutiin Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa beeksise.
Institiyuutichatti Qindeessaan Misooma Jallisii Qamadii Doktor Daani’eel Mullataa akka jedhanitti, ‘Qamadiin jallisiiin oomishamu, qamadii bittaan biyya alaa irraa galfamu, harka walakkaan jechuun kuntaala miliyoona saddeetiifi walakkaadhaan hirrisa’.
‘Qonnaan bultoota rooba qofa eeggatanii oomishuu jalaa baasuu irra darbee, carraa hojiifi madda galiillee uumaaf’ jedhan Doktor Daani’eel.
Gabaasaa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5