Sudaan toora biyyoota Ameerikaan shorokeessummaa gargaaru jechuun tareessite keessaa erga baatee booda humnoonni waraana Ameerikaa kunaawwan booda Sudaaniin daawwataa jiran.
Your browser doesn’t support HTML5
Akka gabaasa Naabaa Moheddinitti angawoonni Sudaan doonii farra misaayilaa kan USS Winston Churchill jedhamu Wixata ennaa andaara galaana Sudaan dhaqqabu simatanii jiran.Ajajaa waraana gameessi humna galaanaa Sudaan Alnairii Hassan tuuta oduuf ibsa kennaniin dawwannaa kana akka yeroo murteessaa dha jechuun ibsan.
Hassan akka jedhanitti Sudaan Sudan Doonittii kana simachuutti hedduu gammaddi. Daawwannaan kun hariiroo laaffataa biyyoota lamaanii kan waggoota 30 booda ta’e dha. Dawwannichi bu’aa guddaa qaba, kunis hariiroon Yunaayitid Isteetisii fi Sudaan bakkatti deebi’uu akkasumas dooniin waraanaa biyyattii deebi’ee daawwachuu isaa mull’isa jedhan.