Dhalattoonni Tigraay Kanneen Biyyootii Alaa Keessa Jiraatanii fi Deggertoonni Isaanii Washington DC fi New York Keessatti Hiriirga Geggeessan 

  • VOA

Dhalattoonni Tigraay deggertoonni isaanii Washington DC keessatti hiriirga Geggeessan 

Dhalattoonni Tigraayii fi diggertoonni isaanii hawaasa biyyootii alaa kanneen biroon kaleessa Washington DC keessatti har’a immoo magaalaa New York keessatti hiriira guddaa geggeessanii jiran.

Kaayyoon Hiriira sanaas waraansa Tigraay keessaa mormuu, mootummaan Yunaayitid Isteetis haala Tigraay keessaa hubatee tarkaanfii inni fudhateef kallattii imaammataa inni kaa’eef deggersa dhageessisuuf jecha.

Kanas hojii irra mala inni itti ooluu danda’u gaafachuuf ta’uu illee qindeessitoonni hiriira kanaa gaafatanii jiran.