Filannoof Namoota Galmeessuun Har’a Xumurama: Boordii Filannoo 

  • VOA

Naannolee sababaa walitti bu’iinsan yeroon galmee filattootaa dheereffame godinaalee sadii irraan kan hafe, sadarkaa biyyaatti filannoof namoota galmeessuun har’a kan xumuramu ta’uu boordiin filannoo beeksisee jira.

Adeemsa galmeessuu keessatti illee rakkoo guddoon na hin mudanne jedhee jira. Hirmaannaan dubartootaa illee kan nama jajjabeessu akka ta’e daayrikterri kominikeeshinii boordii filannoo Sooliyaanaa Shimellis VOAf ibsaniiru. Ijolleen barattotta Yuniversitii naannoo itti dhalatan dhaqanii akka filatan kan taasisamu yoo ta’u, kanneen qe’ee ofii irraa buqa’an bakkuma jiran taa’anii sagalee akka kennaniif kan yaadame, akka yaadametti kan hin milkoofne ta’uu illee ibsaniiruu jedha gabaasi Addis Chekol.