Namoonni Vaayrasiin Koronaa Qabe Dhukkuboota Biroofis Saaxilamuun Ibsame

  • VOA

Namoonni dhukkuuba KOOBID -19 qabamanii turan keessaa harka 25 kan ta’an rakkoo fayyaa haaraan kan isaan mudatuu ta’u qorannaa haaraa Yunaaytid Isteetes keessatti gaggeeffame hubachiisee jira.

Gareen bu’aaf hin hojjanne FEER HEELZ (Fair Health) jedhamu Guraandhala 2020 hanga Guraandhala bara 2021 giddutti namoonni Miliyoona 2 ta’an inshuraansii fayyaa isaanii ilaalchisee iyyata galfatan kan xiinxalee ture.

Namoonni dhukkubii KOOVID-19 qabamanii turan kun dhukkubbii qaamaa, rakkoo afuura baafachuu, dhiibbaa dhiigaa ol’ka’UU, butuuta qaamaa fi Koleestrooliin isaanii lakkobsaan guddaa ta’e akka isaan mudatee dubbatu.