Weerartoonni Uummata Tigraay Dhabamsiisuuf Karoorfatan: Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’el

  • VOA

Faayilii - Magaala Maqalee

Kan Televiziyoona Tigraay irratti dhiyaachuun ibsa kennan prezidaantiin naannoo Tigraay Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’el gama isaaniin humnoonni weerartootaa uummata Tigraay balleessuuf rasaasa, beela, haleellaa saala irratti hundaa’eef qabeenyaa mancaasuu ka jedhu karoora qopheessanii uummata Tigraay irratti badii wal irraa hin cinne geggeessaa jiru jedhan.

Kanaaf jecha hawaasi addunyaa uummata Tigraay irratti weerartoota kanaan raawwatamaa kan jiru yakka fixiinsa sanyii hubattanii, mormuu dhaan tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban ilaalchisee ejjennoo keessan mul’inatti beeksistaniittu. Uummatichis deggersi akka isa dhaqqabu yaalii dandeessan gochaa jirtu, kana irratti kanneen hirmaatan dhaabolii mootummaa fi kan mootummaa hin ta’in nan galateeffadha erga jedhanii booda as irratti dhimmi beekamuu qabu tokkotu jira. Weerartoonni kun keessumaa seera daggalaan kan hoogganamu raayyaan abbaa irree Isaayyaas Afwerqii, har’aas ta’u bor gocha isaa hamminaa irraan kan hafe Tigraya keessaa guutummaa dhaan hin baane.

Midhaan gargaarsaan argames uummata keenya dhaqqabaa hin jiru. Innuma iyyuu humnoonni weerartootootaa haala itti fayyadamantu mul’ataa jira. Amma immoo gam tokkoon gargaarsi rakkoo male akka dhaqqabuuf dhukaasa dhaabnee, waraana keenya Tigraay keessaa baasneerra jechaa, gara Tigraayiin kan seenuu fi geejjiba qilleensaa fi lafoon geggeessamu kutuu fi gegraarsii fi tajaajilli ka biroon akka adda citu godhaniiru jedhan.

Dr Drbretsiyoon haasaa dhageesisanii fi ergaa dabarsan kanaaf Finfinnees ta’e Asmaraa irraa kallattiin deebiin dhabaman iyyuu angawoonni mootummaa Eertraa duraan ibsa kennaniin mootummaan isaaniis ta’e loltoonni isaanii midhaan gargaarsaa akka hin dhaqqabne akka isaan hin dhorkinii fi miidhaas akka hin dhaqqabsiisne beeksisaa turan.