Gumiin Mirga Namaa Dhiittaa Mirga Namaa Tigraay Keessaa Irratti Murtii Dabarse

  • VOA

Faayilii - walgahii Gumiin Mirga Namaa ka Tokkummaa Mootummootaa

Gumiin mirga namaa kan Tokkummaa Mootummootaa qabiyyee mirga namaa naannoo Tigraay ilaalchisee murtii '/A/HRC/47/L.20/REV.1/' jedhu dabarseen, sagalee caalmaa 20, mormii 14 fi ka calliinsaa 13, gumiin mirga namaa kun, Sadaasa 4 erga walitti bu’iinsi sun jalqabee qabee dhiittaa mirga namaa hamaa, seerri namoomaa sadarkaa addunyaa fi seerr baqataa kan sadarkaa cabuun qaamotii mara kanneen walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaataniin raawwatamuun guddoo isa yaaddessuu ibsee jira. Loltoonni Eertraa hatattamaan naannoo Tigraay keessaa akka ba’an illee gaafatee jira.

Gumiin mirga namaa sun, kanneen walitti bu’iinsa sanaan wal qabatee dhiittaa mirga namaa fi seera namoomaa kan sadarkaa addunyaa cabsan akka seeraan gaafataman cimsee yaadachiisuu dhaan, gama kanaan itti gaafatamummaan cimee akka itti fufuu gochuuf barbaachisummaa ragaaleen akka hin banne tursuu fi xiinxalamuu akka qaban illee hubatee jira.

Gumiin kun qaamotiin martinuu akka seera namoomaa kan sadarkaa addunyaatti, hojjettoota gargaarsa namoomaa, siiviloota dabalatee kabajaa isaanii akka eegan, hojjettoota gargaarsaa fi meeshaa hojii isaanii fi hojjettoota eegumsa fayyaa, keessumaa hojjettoota gargaarsa namoomaa kanneen hojii wal’aansa fayyaa irratti bobba’an, mala geejjiba isaani fi meeshaalee isaanii, hospitaaltotaa fi keellaalee eegumsa fayyaa ka biro akkasumas guutummaan hojii akka hojjetan akka eeyamamu, gargaarsi namoomaa kanneen isaan barbaachisu akka dhaqqabuuf danqaa malee daandiin akka saaqamu, qajeelfama namoomaa kabajuu fi seerri sadarkaa addunyaa hojii irra akka oolu gaafata murtiin sun.