Bulchiinsa Naannoo Uummattoota Kibbaa Keessatti Filannoo Gaggeesuuf Qophiin Jalqabamun Himame

  • VOA

Faayilii - Namoota sagalee kennuuf hiriiran, Finfinnee

Bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa keessatti filannoo marsaa duraa Waxabajjii 14 bara 2013 lafa itti hin gaggeeffamnee naannoo filannoo 25 filannoo gaggeessuuf sochiin akka itti fufee jiruu bordii filannoo biyyooleessatti waltaasiisaan dame naanoo Kibbaa fi sidaamaa Obbo Fireew Baqqalaa ibsanii jiru.

Wirtuulee filannoo 22 keessaa hanga tokkotti sagaleen hiree murteeffannoo kan kennamuu yoo ta’u kanneen hafan bordiin filannoo irra deebi’uun filannoon akka keessatti gaggeeffamuu kan murteessee fi sababaa soda nageenyaan filannoon kan keessatti hin gaggeffamne ta’uun ibsamee jira.

Bulchiinsa naannoo kana keessatti Filannoo baatii Waxabajjii keessa gaggeefameen lammiwwan biyyatti miliyoona hedduun sagalee kennuun isaanii ni yaadtama jechuun Yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira