Ka dhiheenya magaalaa Kaabul seenee taayitaa mootummaa Afghanistaan dhuunfate gareen Taalibaan, hatattamaan tarkaanfii itti fufanii, waa’ee bulchiisaa fi nageenyaa fi diinota isaanii duraanii waliin araara buusuu ilaalchisee, danqaalee jiran irratti dubbachuuf namoota siyaasaa ijoo Kaabul keessaa wajjiin walga’aa jiran.
Haala amma Afghaanistaan keessa jirtu, dhimmoota ijoo haala ammaa kanaaf gumaachanii fi yaaddowwan amma biyyattii fi addunyaa irraa dhaga’amaa jiru irratti akka hubannaa isaanii nuuf ibsan, xiinxalaa siyaasaa fi dinagdee tokko afeerree jirra.
Proofeser Mohammed Xaahiroo, as Yunaayitid Isteetis, kutaa Teksaas keessa ka jiru, Koolejii Koolins keessaa barsiisu. Namoo tu dubbise.
Your browser doesn’t support HTML5