Naannoo Benishaangul Gumuz, godinaalee Asoosaafi Kaamaashii irraa manaafi qe’ee isaaniirraa buqqaafamanii godinaa Wallagga Lixaa, aanaa Mana Sibuu keessa qubatan, “deggersa argachuuu dhabnee, rakkoof saaxilamnee jirra” jedhan.
Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Oromiyaa ammoo “Namoota naannoo Bensihaangul Gumuz keessaa buqqaafaman gargaaraa jirra, yoo ragaan namoota Wallagga Lixaa keessa jiranii nu qaqqabe, isaaniinis ni gargaarra” jedhe.
Haaluma wal fakkaatuun, naannoo Bensihaangul Gumuz keessattis, namootni qe’ee isaaniirraa buqqaafaman kuma 361 ol jiraachuu ibsuudhaan, waliigalatti namoota gargaarsi barbaachisu kuma 417 caalaniif gargaarsa kennaa jirra” jedhe, Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa Naannichaa.
Your browser doesn’t support HTML5