AMBOO —
Jiraattotni magaalaa Amboo hagi tokko akkasumas barattootniifi barsiisotni Yunivarsiitii Amboo tokko tokko, ajajni olaanaa Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baaydan Aanga'oota Itoophiyaa irratti baasan ilaalchisee yaada kennaniin, garii murtoo sirriidha yoo jedhan, kaan ammoo murtoo sirrii miti jedhan.
Kanneen akka Ameerikaan qaamota wal dhabdee keessa jiran mariisisuun gara araaraatti fiddu gaafatan akkuma jiran, warri kaan ammooo qaamoleen biyyattii keessatti wal waraansa keessa jiran, gidduu isaaniitti nagaa buusuuf akka waliin mari'atan gaafatan.
Naakoor Malkaa tu yaada namoota kana walitti qabe.
Your browser doesn’t support HTML5