Haleellaan sun ka geggeessame naannoo manneen jireenyaa irratti jedhamuun isaa namoota hidhannoo hin qabne yokaan siiviloota miidhuu mala, ka jedhu yaaddoo cimaa itti uumuu isaa dubbi-himaan jaarmayichaa Istefaan Duyaarichi ibsa har’a gaazzexeessotaaf kennaniin dubbatanii jiran.
“Kan akka haleellaan har’a Maqalee irratti geggeessame jedhamee walitti-bu’insichi Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti babal’achuun barreessicha muummee baay’ee yaaddessee jira,” jedhan, Duyaarichi.
Gareeleen hundi siivilootaa fi dhaabbatoota siiviliitti qiyyaafachuu irraa akka of qusatan, barreessaan muummee Tokkummaa Mootummootaa hubachiisuu isaanii fi gareeleen hundinuu lola dhaabanii nageenya uummataaf akka dursa akka kennan, dhiheessii dawaa fi zayita boba’aa dabalee gargaarsawwan dhala namaa baay’ee barbaachisuu tahan akka uummata dhaqqaban akka taasisan gaafachuu isaanii, dubbi-himaan isaanii dubbatanii jiran.