Labsiin yeroo muddamaa hojii irra eega oolee booda hidhaan gosa irratti hundaa’ee geggeessamaa hin jiru jechuudhaan komiishiniin poolisii federaalaa ibs har’a kenneen haalee jira.
Itti gaafatamaan kominikeeshinii komiishinichaa obbo Jeeyilaan Abdii keessumaa VOA waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin, qorannaaleen geggeessame jedhan ilaalchisee ibsa kennan.
Akka labsii sanaatti qorannaa geggeessameen namoonni hedduun, meeshaa wraraanaa seeraan alaa, ykn gochaa badisaa meeshaalee deggeru jedhaman to’annaa jala oolchuu isaaanii dubbataniiru.
Barressaa muummee tokkummaa mootummootaaf gorsaa addaa dhimma duguuginsa sanyii kan ta’an Waarimuu Nideerituu dheengadda ibsa kannaniin, hojjettoota dhaabbata isaanii dabalee dhalattoonni Tigraay hidhamaa jiru jechuudhaan gocha sana cimsanii kan balaaleffatan ta’uu beeksisanii turan. Obbo Jeylaaniin haasofsiisuun Tsehay Daamxoo Finfinnee irraa gabaasteetti.