Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Ripxe Loltoota Loluuf Adda Waraanaa Dhaquun Gabaasamus Eessa Akka Jiran Hin Ibsamne

  • VOA

Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa, Dr.Abiy Ahimed

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed roobii darbe adda waraanaa humnoonni mootummaa ripxe loltoota naannoo Tigraay waliin waraanaa jiranitti makamuun gabaafamutti aansee, Yunaayitid Isteetisiin kan durfamu tattaaffiin sadarkaa addunyaa furmaata diploomaaummaa akka argamuu fi walitti bu’iinsi sun hatattamaan akka dhaabatu waamicha gaafatee jira.

Wal waraansa snaan namoonni kumaan laka’aman yoo du’an, kanneen kurna kumaan laka’aman immoo haala beela fakkaatu keessa seenanii jiran.

Mootummoonni biyyootii alaa sababaa wal waraansichi hammaataa adeemee riphxe loltoonni Tigraay gara Finfinneetti soso’uu malu jechuun lammiiwwan isaanii gamasii akka ba’an itti himanii jiran.

Raadiyoo opereeterii raayyaa waraanaa duraanii fi gara sadarkaa leetenaant koloneelitti kan guddatan Abiy, eessa akka jiran ifaa miti. Sabaa imaan mootummaa suraa adda waraanaa kam jiraachuu isaanii hin ibsine, angawoonnis eessa akka jiran ibsa ballaa akka kennan gaafatamanii deebii hin kennine.

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis kaleessa galgala ibsa kenneen, wal waraaansa Itiyoophiyaa keessaaf furmaanni waraanaan miti jechuun akeekkachiisee jira.