Humnootii Sudaan Nutii Hin Haleellee: Itiyoophiyaa 

  • VOA

Mootummaan Itiyoophiyaa himata mootummaan sudaan lafa falmisiisaa daangaa irraa Alfashaaq keessatti haleellaan ana irratti gaggeeffamee jedhe haalee jira.Itti aantuu ministeera komunikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa Salaamaawit Kaasaa oduu gabaastotaaf akka ibsanti, waraannii itiyoophiyaa lootee seentoota Itiyoophiyaa seenuu yaalan irratti tarkaanfii fudhate.

Hogganaan waraana Sudaan Jeneraal Abdul Fattaan Al Burhaan humniitii isaanii Al Fashaagaa kan kutaa Gadariif naannoo daangaa Itiyoophiyaa qubatanii jiran daawwatan.

Kunis waraanni Sudaan hedduun waraana Itiyoophiyaa fi milishoota isa waliin wal ta’aniin dhuma torban dabree irra ajjeefaman eega jedhamee booda Al Burhaan daawwannaaf ka’an.

Jeneeraal Al Burhaaniif gorsaa waa’ee Midiyaa fi odeeffannoo kan ta’an Jeneraal Attahir Abu Hajaah akk jedhanti, hogganaan waraana sudaan haala daangaa irraa jiru ilaaluuf AlFashaagaa kan deeman yoo ta’u hamilee looltootaa kanneen dangaa irra jiraniis jabeessuuf jedhan.

Itiyoophiyaan Sudaaniif ollaa gaarii akkuuma turte wantii addaa ta’u biyyoota lameen gara wal waraansaatti seensisuu hin qabu jedhan.

Biyyonni lameen daangaa isaanii eeguun falmii Al Fashaaqaa fi naannoo biraa irratti jiru marii dhugaa ta’e Itiyoophiyaa waliin gaggeessuun furuu qabna jedhan.Wal waraansatti seebuu hin feenu biyyoota ollaas ni kabajna jedhan

Kunis lafa daangaa qonnaaf ta’u irratti falmii uumameen yoo ta’u, Lafa daangaa A-Fashaaq kan qonnaan bultoonni Itiyoophiyaa qotatanii fi sudaan kan kooti jettuun kan ka’e hariiroon kaartuumii fi Finfinnee gidduu hammaataa deeme.