Vaayrasii Haaraan Amerikaa Keessatti Hammaataa Jira 

Vaayrasii Haaraan Amerikaa Keessatti Hammaataa Jira

Yunaaytid Isteetes keessatti Kibxata kaleessaa qofa namoonni Kumaa 500 fi kumnii 12 vaayrasii koronaan kan qabaman yoo ta’u, kunis weerarrii vaaurasichaa eega jalqaba argamee as/ guyyaa tokkotti namnii haganaa ennaa qabamu kun ka duraati jechuun Yunivarsitiin Jaan Haapkiins beeksisee jira.

Weerarrii KOOVIID inni dhiyeenya kanaa kun, hedduminaan ijoollee qabee akka isaan hospitaala ciisan taasisee jira.

Dhaabati fayyaa kan fedeeraalaa Kibxata kaleessaa akka jedheetti namoota kooviidiin qabaman keessaa harkii 59 vaayrasii haaraa Omiikron jedhamuun ta’u ibsee jira.The