Looltonni Ishee Ajjeefamuu Paakistaan Beeksiftee Jirti

Hidhattoota naannoo daangaa Afgaanistaan jiran waliin dhukaasa gaggeeffameen looltonni ishee 4 ajjeefamuu Paakistaan har’a beeksiiftee jirti.walitti bu’iinsii kun kan uumamee, humnootiin Paakiisatan lafa taalibaan inni byya isaanii bakka daahatee jiru kan magaala Mir Alii isa daangaa Waziristaan Kaabaa ennaa weeraranti ta’u ibsii waraanni baasee hubachisee jira.

Yeroo kanattis humnootiin nageenyaa shaoroorkeessoota keessaa tokko meeshaa fi rasaasa waliin qabachuu isaanii, akkasumas looltoota paakistaan 4 wal waraansa ta’ee ajjeefamuu, ibsii kun hubachisee jira.

Taalibaan paakistaan keessaa ibsa kamiisa kaleesssaa baaseen maadheen isaa kan naannoo Wazirstaan keessaa haleelamuu mirkaneessee jira. Yeroo kanattis looltonni paakistaan hedduun ajjeefamuu ibsee, kan gama ofii hin ibsinee.