Paatriyaakiin Sadaffaan Waldaa Orotodoksii Eetraa Du’aan Boqotan

Paatriyaarkii sadffaa kan waldaa orotodoksii Eertraa, Abuna Antooniyoos

Paatriyaarkii sadffaan kan waldaa orotodoksii Eertraa Abuna Antooniyoos, roobii kaleessaa Guraandhala 9 umurii isaanii waggaa 95tti du’aan boqotan. Mootummaan dhimma amantii gidduu seenuu hin qabu jechuun mormii dhageessisan irraan kan ka’e bara 2006 kan itti gaafatama isaanii irraa kaafaman Abune Antoniyoos, kaleess gadaamii abune Indiriyaas keessatti sirni awwaalcha isaanii raawwachuu isaaf sirni sadarkaa mootummaatti akka hin geggeeffaminiif, kutaan lallabaa walii gala waldaa ortodoksii Eertraa kan biyyootii alaa beeksisee jira.

Dhimmi abune Antoniyoos hawaasaalee Eertraa keessaa fi alaa biratti falmii guddaa kaasisee ture jedha gabaasi wahila keenya kan Afaan Tigree Tewele Tesfa gabir.