Gamtaan Afrikaa fi Gamtaan Awurooppa Walgahii Taasisuuf Deemu

  • VOA

Gamtaan Afrikaa fi gamtaan Awurooppa walgahii Kanaan duraa wagga wagaadhaan taasisaa turaaniif waggoottan lamman darbeef sababa koiviidiin addaan cite turee Guraandhala 17 fi 18/2022 itti fufuudhaaf murteessuun isaanii gabaasameera.

Hoggantoonni ardii lammanii magaalaa Braasels keessatti walgahanii wa’ee omisha talaallii kooviid 19, waa’ee nageenyaa, waa’ee haala jijjiirama qileensaa, haala liqii fi inveestimentii irratti akka marii taasisan gabaasin Mohaamed Yasuuf naayiroobii irraa VOA dhaaf ergeen ibseera