Mootummaan Itiyoophiyaa TPLF Waliin Dubbachuuf Qophee Ta’uu Muummichi Ministeeraa Abiy Ahimed Dubbatan 

Muummicha ministeeraa Abiy Ahimed

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed Guraandhala 15 bara 2014 dhimmootii yeroo ilaalchiuun mana maree bakka bu’otaa biraa gaaffii dhiyaateef deebii kennaniin, mootummaan TPLF waliin mari’achuu akka danda’u tuqanii jiran. Mootummaa fi TPLF mari’ataa akka jiran hameen dhaga’aman garuu kijiba ta’uu muummichi ministeerichaa dubbataniiru.

Kan yeroo ammaa naanoo Tigraay bulchaa jiran Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’eel dhiyeenya BBC waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin mootummaa federaalaa waliin bifa adda addaan mariin geggeessamaa jiraachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

SEE ALSO: Itiyoophiyaan Biyyoota Awuroopaaf Humna  Eleektrikaa Dhiyeessuu Barbaaddi:MM Abiyyi Ahmad 

Naannoo Amaaraa, Tigraay, Affaarii fi Somaalee daawwachuun kan dhiyeenya deebi’n itti aantuun muummiittii barreessituun tokkummaa mootummootaa Amiinaa Mehaammed, kanneen lola sana irratti hirmaatan furmaata Itiyoophiyaa keessaa madde gargaaramuuf kaka’umsa akka qaban ibsuufii isaanii dubbataniiru.

Muummichi ministeeraa Abiy ibsa isaanii har’aa keessatti waa’ee marii kanaa hedduun dubbatamuu isaa ibsanii hanga yoonaa mariin kam iyyuu akka hin geggeessamin mirkaneessaniiru. Kana jechuun immoo qaruma mariif gad hin teenyu jechuu miti jechuu dhaan itti dabaluun ibsaniiru. Marii jechuun araara akka hin taane kan ibsan muummichi ministeerichaa mootummaan isaanii dhimma Itiyoophiyaatti yoo dhufe obsi akka hin jiraanne ejjennoo qabaachuu isaa ibsaniiru.