Gochii Gara Jabinaa Nannoo Amaaraa Keessatti Akkaan Nu Yaaddessa: Angawaa Amerikaa 

Dubbii himaa ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis i

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keesstti dhuma baatii Hagayyaa fi jalqaba baatii Fulbaanaa giddutti hidhattoota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay waliin hidhata qabaniin, humnaan gudeeddii fi ajjeechaa gaggeeffame jechuun kan Amnestii Intarnaashinaal gabaase kan akkaan Yunaaytid Isteetesiin yaaddeesse ta’u dubbii himaan ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis ibsanii jiru.

Gareeleen hidhatan martii dhiittaa mirga namoomaa fi hokkara siviiloota irratti gaggeeffamu hunda akka balaaleeffatanii akkasumas xumuura itti tolchan gaafanna jedhan.Qorannaan qabatamaan gaggeeffame ajjeechaa dhaqqabeef itti gaafatamuummaan akka jiraatu kunis rakkoo uumameef furmaata lubbuu dheeratu akka ta’u ejjennaa keenya isa cimaa akka ta’eetti tura jedhan.

Miidhaa dhaqqaban ilaalchisee gabaasnii dhiyaatan itti fufuun walitti bu’iinsa waraanaatti xumuura gochuun barbaachisaa ta’u hubachiisa kan jedhan Need Praayis, kanneen walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban martii, hokkaraa fi ajjeechaa dhaabuu akka qaban gaafchuu itti fuufna jedhan.

Kana malees gargaarsii dhala namaa kan lubbuu namaa du’a irraa olchuu dhorkaa tokko malee akka seenu, waltti bu’iinsi jiru karaa nagaan akka furamuu gaafachuu itti fuufna jedhan dubbi himaan ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis.