Hoogganaan Gurmuu Finciltootaa Gaambellaa Harka Kennatan, Jedha Mootumnaan Naannichaa 

Gurmuu ‘Adda Bilisummaa Gaambeelala” jedhamu kan hoogganan Obbo Zaan Duweer, moootummaatti harka kennatanii jiru, jechuun hoogganaan waajjirri sekreeteriyaatii preesii bulchiisa naannoo Gaambeellaa beeksisee jira.

Obbo Zaan, ammaan duras eega mootummaan naannichaa waamicha nagaa dhiheesse booda karaa hogganoota gosaa daandii nagaan qabsaa’uu filatee jira – jedhan, hoogganaan waajira preesii mootummaa naannoo Gambeellaa, Obbo Uggutuu Adiing. Obbo Zaan kan qabsoo hidhannootti makaman tahuu dubbatan, Obbo Uggutuun.