Affaar keessatii lakkoofsii Namoottan qe’ee irraa buqqa’anii dabalaa deemaa jira

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Bulchiinsaa Naannoo Affaar keessatti sababa wal waraansaa itti fufee jiruun kan ka’ee, lakkoofsii namoottan qe’ee isaanii irraa Buqqa’aa jiran dabalaa deemuun isaa ibsameera.

Akka gabaasinni gabaasaa sagalee Amerikaa Masfin Arraagee ibsutti, Miseensaa koree gargaarsaa namoottan jireenyaa isaanii irraa buqqanii qindeesuudhaaf dhaabbatee kan ta’an obbo Saadiiq Bediru lakkoofssi namootaa gargaarsaa atattamaa barbaadanuu dabalaa deemaa akka jiru himaniiru.

Gabaasinii haaraan dhaabbata mootummootaa gamtoomanii UNHCER irraa bahee akka agarsiisutti tibbana namoonni haaraan 300 garaa mooraa gargaarsaa seenaniiru.

Qindeesituu waldaa misoomaa horsiisee bultootaa Affaar kan ta’an Vaaleriin Braawonig gama isaaniitiin haalii naanichaa akka hammaachaa deemaa jiru himuun isaanii beekameera.