AMBOO —
Daangaa naannoo Gaambellaafi biyya Sudaan Kibbaa irratti walitti bu'iinsa uumameen lammiileen Itoophiyaa kuma 9 fi 500 ol qe'ee ofiirraa buqqa'uusaanii mootummaan beeksise.
Waajjirri Sekireetariyaatii Pireesii Naannoo Gaambellaa, "Humnoota Mootummaa Sudaan Kibbaafi hidhattoota 'SPLM IO' jedhaman jidduutti torban darbe keessa walitti bu'iinsa uumameen namni tokko du'eera, namootni biroo jaha ammoo madaa'aniiru" jechuun ibseera.
Your browser doesn’t support HTML5
Your browser doesn’t support HTML5