Waajirri 'Africa CDC' – Ka Dhaabbata Dhukkuboota Daddabroo Afrikaa Keessaa Qoratuu fi To'atu Finfinneetti Ijaaramaa Jira  

Waajirri Dhaabbata Dhukkuboota Daddabroo Afrikaa Keessaa Qoratuu fi To'atu Finfinneetti Ijaaramaa Jira  

Gamtaan Afriikaa dhaabbata qo’annoo dhukkuboota daddarboo qoratu fi hordofu kan Africa CDC jedhamu bara 2017 hundeesse. Dhabbanni kun akka hundaawu ka gaafatte Itiyoophiyaan lafa ijaarsa damee waajjirichaaf oolu kennitee amma ijaarsarsi deemsisamaa jira; dhiyeenyattis hojii guutuu jalqabuuf caaseffama saa tottolfataa jira.

Obbo Abarraa Botoree itti aanaan Biiroo fayyaa Oromiyaa, dhaabbanni akkasii hundaawuun ardii Afrikaa maqaa rakkoo fayyaan beekamuuf waan guddaadha jedhanii, garuu mootummooleen Afriikaa gama maallaqaan dhaabbaticha sirriitti utubuu akka qaban hubachiisan. Obbo Abarraan Africa CDC’n Itiyoophiyaa keessatti hundaawuun biyyattiif carraa tahuu himanii naannoon Oromiyaas Iinistiitiwutii fayyaa Oromiyaa ijaaruuf akka jiru ibsan. Caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Waajirri Dhaabbata Dhukkuboota Daddabroo Afrikaa Keessaa Qoratuu fi To'atu Finfinneetti Ijaaramaa Jira