Oromiyaa Keessatti Namoonni 700,000 Ol Qehee Ofiirraa Buqqa'an, Jedha Mootummaan Naannichaa 

FAAYILII - Naannoo Oromiyaa, Boorana

Naannoo Oromiyaatti rakkoo nageenyaa yeroo gara garaa mudateen namootni kuma dhibba torbaa ol qe’ee isaaniirraa buqqa’uu koomishinni hooggansa soda balaa Oromiyaa beeksisee jira. Obbo Garramuu Oliiqaa itti aanaan Koomishineraa Hooggansa Sodaa balaa Oromiyaa jara kana keessaa namoota kuma dhibba shanii oliif gargaarsi haga dandaa’ame taasifamaa jira, jechuun VOA’tti himan.

MareeCaffee Oromiyaa jalqaba torbee kanaarrattis dhimmi nageenyaa dubbii ijoo tahee kan kahe yoo tahu, Itti-gaafatamaan waajjira dhimma nageenyaa naannoo Oromiyaa obbo Shaafii Huseen mootummaan furmaata waarawaa fiduuf hojjetaa jira jedhanii jiran.

Galmoo Daawit tu Adaamaa irraa gabaase.

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaa Keessatti Namoonni 700,000 Ol Qehee Ofiirraa Buqqa'an, Jedha Mootummaan Naannichaa