Kibxata darbe godina shawaa bahaa aanaa fantaalleetti dhukaasa humnoota nageenyaa naannoo Ormiyaa naannoo sanirra socho’aa turanirratti banameen miseensonni qaama nageenyaa 26 ajjeefamuu fi 15 madaawuu godinichi beeksise.
Obbo Abbaabbuu Waaqoo bulchaan godina Shawaa bahaa, gareen finxaaleyyiin ollaa naannoo Amaaraa kan maqaan ‘Faannoo Milishaa’ daangaa Oromiyaatti as qaxxaamuranii balaa kana geessisuu VOA’tti himan. Waajjirri Koomunikeeshinii Aana fantaallee rakkoon daangaa naannoo kanatti yeroo darban mullataa ture kanaaf ka’umsa tahuu himanii, ammaan kana humnootni nageenyaa federaalaa nagaa tasgabbeessuuf seenuu dubbatan.
Your browser doesn’t support HTML5