Gareelee Mirgii Namoomaa Gabaasa Baasan Irratti Bulchiinsii Naannoo Amaaraa fi Tigraay Deebii Kennan

  • VOA

Jaarmolii Mirga namaa Humaan Raayit Waach fi Amneestii Internaashinaal

Dhaabattonni mirga namoomaa kan Addunyaa lama jechuunis Amnestii Intarnaashinal fi Hiyumaan Raaytis Waach torban dabree gama Tigraay dhiyaa keessatti yakka dhaqqabe jedhan dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

Gabaasa kana kan ilaaleen mootummaan bulchiinsa naannoo Amaaraa ibsa baaseen, loogii kan qabu jechuun mormii isaa dhiyeessee jira.Gabaasichii xumuura dhugaa hin taanee hatattamaan kaa’uun mallii dhugaa jiru baruuf itti gargaaramees qabatamaa miti jedhee jira.

Kana malees gabaasnii dhiyaate qabatamaa kan hin taane akkasumas odeeffannoo wal dhahuu fi tilmaama dogoggoraa of keessaa qaba jedhee jira.Wal falmisiisoo kan ta’an dhimmootii dangaa biyya keessaa kan ilaaleen,abbaa biyyummaa biyya tokko irratti ejjennaa gam tokkoof looguu dhiyeessee jedha bulchiinsii naannoo Amaaraa ibsa baasee.

Gama kaaniin waajirri haajaa alaa kan Tigraay dhimmi wal fakkaataa irratti ibsa baaseen jaarmayoonni mirga namoomaa kan addunyaa lameen Tigraay gama dhiyaa keessatti humnootiin Amaaraa deggersa guutuu waraana Itiyoophiyaa fi Ertraa biraa argataniin dhalattoota Tigraay irratti yakka dhaqqabsiisan gabaasuu isaaniin mootummaa Tigraay dinqiisiifatee jira jedha.

Gabaasnii Ebla 6 ba’e sun hawaasa addunyaa rifaasisuu isaa akkasumas seera gargaarsa dhala namaa kan addunyaa fi seera mirga namoomaa kan addunyaa kan cabsee ture jedhee jira.