Amerikaan Waan Gaafanne Nu Guutuun Murteessaa Dha: Zeleeniskii

  • VOA

Faayilii: Prezidaantii Yukireen volodmiir Zeleneskii

Humnootiin Raashaa Yukreen gama bahaa keessatti duula waraanaa guddaa gaggeessuuf socho’uuf akka jiran kan akeekkachiisan prezidaantiin Yukreen Volodmiier Zeleeneskii, waraannii keenyas qophii gochuun deebii kenna jedhan.

Dilbata kaleessaa galgala dhaamsa vidiyoon dabarsaniin, guyyonni fullee keenya dura jiran, akkuuma duula waraanaaa torban 6 lakkoobsisee Sanaa, murteessoo dha jedhan.

Teeleeviziiyoona CBS jedhamu waliin Dilbata kaleessaa galgala gaaffii fi deebii kan gaggeessan Zeleeniskiin, jiraachuun Yukreen meeshaa Amerikaan hatattamaan nu ergiituu irratti kan hundaa’ee ta’u fi waan Yukreen barbaaddu ilaalchisees, tarreessanii prezidaant Baaydiinti kennamuu isaa dubbatan.

Prezidaant Baaydiin waan tarreefamee of harkaa qabu kan jedhan Zeleenskiin, akka nama tokkotti, Uummata Yukreen isa injifatee biyya ofii qabaachuu filatee cina dhaabachuun seenaa hojjachuu danda’u.Kunis waan isaan irraa argamuu irratti hirkata jedhan.

Ministeeronni haajaa alaa kan gamtaa Awuroopaa Wiixata har’a walga’uun Raashaa irra ugguura kaa’uu isa jedhu irratti marii marsaa biraa gaggeessuu.Gama kaaniin, chaansilariin Ostriyaa Karl Nehammer Moskoo keessatti prezidaant Putiiniin kan argaa kan jiran yoo ta’u, kunis erga Raashaan Yukreen irratti dhuma baatii Guraandhalaa weerara bantee as hogganoonni Awuroopaa gamas ennaa seenan kun kan jalqabaa ti.