Filatamuun Ketaanjii Dubartoots Gurraachaa Hamil Cimsa: Ogeettii Seeraa Kuulanii Jaalataa

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Filatamuun Ketaanjii Dubartoots Gurraachaa Hamil Cimsa: Ogeettii Seeraa Kuulanii Jaalataa

Xumura torban darbee senetiin Yunaayitid Isteetis dubartii Lamii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa Ketaanjii Biraawon Jaakesen murteessituu mana murtii Muummicha gochuun muudee jira.

Kun seenaa Ameerikaa keessatti yeroo seena qabeessa ta’uu isaa fi dubartiin gurraachaa iddoo ol aanaa akkasiif muudamuun dubartoota gurraachaaf hamilee cimaa ta’uu isaa ogeettii seeraa kan taate aadde Kuulanii Jaalataa dubbattee jirti. Murteessituun seeraa Ketaanjii Jaacksen nama muuxannoo guddaa qaban yoo ta’an, mana murtii muummichaa keessatti gumaacha ol aanaa qabaatu jedheen amana jetti Kuulaniin