Raashaan Meeshaa Keemikaalaa Nu Irratti Gargaaramuu maltii: Zeleeniskii

  • VOA

Raashiyaan haleellaa keemikaalaa biyya koo irratti raawwachuu malti: Prezidaanii Yukireen

Raashaan Yukreen irratti meeeshaa Keemikaalaa gargaaramuu maltii sodaa jedhu kan qaban prezidaantii Yukreen Volodmiir Zeleenskii Raashaan meeshaa akkasii akka hin gargaaramne ittisuuf biyyonni gama dhiyaa ugguura daran jabaa akka irra ka’aniif gaafatan.

Magaalaa Yuukreeen gama kibbaa fi buufata Donii kan taatee Mariyupool keessatti Raashaan meeshaa keemiikaalaa gargaaramtee jirti kan jedhu gaabaaasnii mirkanii hin argatiin eega ibsanii booda, zelenskii Wiixata Kaleessaa galgala kana dubbatan.

Isa kana akka dhimma jabaatti ilaalla kan jedhan Zelenskiin kaniin hogganoota addunyaa yaadachiisu fedhu Raashaan meeshaa Keemiikaalaa gargaaramuu inni jedhu dhimma irratti mari’atame ta’u isaati jedhan.Kanaaf deebiin weerara Raashaaf jabaa fi kan hatattamaa ta’u qaba jedhan.

Ministeera ittisaa kan Yunaaytiid Isteetesiif itti gaafatamaa preesii kan ta’an Joon Karbii meeshaa keemikaalaa gargaaramuu gabaasa jedhu ammatti Amerikaan mirkaneessuu hin dsndeenye. Garu kun dhuguumaan ta’eera taanaan akkaan yaaddeessaa dha jedhan.