Tirrii: Sirba Aadaa Arsii

Your browser doesn’t support HTML5

Tirrii; Sirba Aadaa Arsii

Tirriin shubbisa aadaa Godinaalee Arsii Lixaa, shawaa bahaa, Arsii fi Baale keessatti beekamuudha. Akaakuu afur kan ofe keessaa qabu tirriin, gaafa cidhaa fi qophii gara garaarratti shubbifama jedhu obbo Abdurkaadir Tukee; Angawaan Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Arsii Lixaa. Obbo Abdurraahmaan, Tirriin Arsii keessatti ittuu beekamaa akka tawuuf hawwissoowwan gara garaallee, kan Godinicha keessatti hundaayan aadaa kana gabbisaa jiraachuu dubbatu. Miseensa hawwisoo Utaa Waayyuu jedhaman kan magaalaa Shaashamanneetti argaman dhaqee daawwachuun shubbisa tirrii fi haala shaakala isaan taasisaa jiranii Galmoo Daawit gabaasa itti aanu qopheesseera.