Polisiin Niiw Yoork Qorannaa Itti Fufuu Beeksisee Jira

  • VOA

Faayilii: Poolisii magaalaa Niw Yoork

Poliisonni Niiw york hidhataa namoota 10 madaa’uuf itti gaafatamaa ta’e adda baafachuuf yaalaa jiran. Buufata baabuura imaltootaa Brooklin keessatti dhuka’aa aara maddisiiisu gargaaramuun sana booda dhukaase jedhu.

Barbaachii yeroo ammaa Polisiin gaggeessaaa jiru hanga tokko nama Fraank Jeems jedhamu kan kokoolaataa tarii hokkara kanatti hidhata qabaachuu mala jedhame Kireeffatee irratti.

Qorattonni akka hubachiisanti, Jamees haleellaa namoota irratti gaggeeffameef itti Namoota rasaasaan rukutaman keessaa 5 haala hamaa keessa kan jiran yoo ta’u lubbuun hafuu jedhamee eegama.Namoonni yoo xiqqaate 12 ta’an kanneen haleellaa kana jalaa miliiqan immo aarrii somba isaanti waan seeneef akkasumas madaa ka biraaf wal’ansa argataa jiru.

Polisiin waan nama haleellaa kana waliin hidhata qaban kan akka qawwee harkaa, rasaasa, dhuka’aa aara maddisisuu fi furtuu kokoolaataa dhaabataa turee argatee jira.Haleellaa buufata baabuura imaltootaa kanatti rawwatame ilaachisee nama odeeffannoo kenneef Doolaarri kumnii 50ni kan kennamu ta’uun ibsamee jira.